foto1
foto1
foto1
foto1
foto1

Oromia Culture and Tourism Bureau

Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa

                                                                           English                                                                        አማርኛ

Iddoo Amantaa Dirree Sheek Huseen

Bakka, fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

• Iddoon Amantaa Dirree Sheek Huseen godina Baalee, Aanaa Gololcha, ganda Dirree keessatti finfinnee irra fageenya 657Km, Magaalaa Roobe irra 180km fagachuun lafa hektaara 3(sadii) irratti hambaa argamudha.Daandii aspaaltii Finfinnee hanga Roobeetti 430km kan qabu yemmu ta’u Roobee hanga Dirreetti immo daandii cirracha 180km kan qabudha.

 d1                d2
 

Hawwatumma Dirree Sheek Huseen

  • Bakki Amanta kun seenaa qabeessa ta’u isaafi erga ijaaramanii waggoota dheera kan lakkofsisaniifi haali ijaarsa isaanii kan qalbii nama hawwatu “gamo” ykn “quba” kan qabu ta’u isaa.
  • Bakka aadaafi amaantaa ta’udhaan waggaatti yeroo lama bakka Amanttootni kumaatamma ta’an argamaniitti mudaamii bakka itti gaggeeffamudha.
  • Hawwata tuurizimii guddaa fi hambaa adunyaa ta’uf galmee yeroo uniskoo irratti galma’ee jira.
  • Hawwataa tuurizimii kan ta’an Bosona fi Bineensootii bosona naannoo isaatti argamu isaa
  • Tumsi lafaa hamba kun irratti argamu kan nama hawwatu ta’u isaa,
  • Tuuristoota amaantan waqabatee sirnoota adeemsisaman ilaalutti gamadan, akkasummas hambaalee amaanta, aadaa fi seenaa dawwataniif bakka gahumsa addaa (ideal place) dha.

            Bataskaana Adaadii Maariyam

Bakka, fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

  • Bataskaanii Adaadii Maariyam Godina Kibba Lixaa Shawaa, Aanaa Qarsaa Maallimaa keessattii Finfinnee irra fageenya 67km, magaalaa godina (Waliso) irra 143km, magaalaa Aanaa (Lemman) irra 17km fagachuun kan argamudha.
  • Daandii cirrachaa hanga Bataskana kanatti geessu ni qaba.

Haawwatumma Adaadii Maariyam

  • Bataskaana dhakaa guddaa irra boocuun hojjeetamedha (Rock Hewin Church)
  • Meeshaalee durii mana Amantiichatu keessatti argama.
  • Manni Amantaa kun karaa seenan 10 fi foodaa xixxiqaa 14 qaba.
  • Bataskaana kanaan walqabatee sirni Amantaa ni gaggeeffama
  • Tuuristoota iddolee seenaa duriifi bakka Amantaa dawwatan kan harkiisudha.

Awaash Malka Qunxurree

Bakka, fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

*Iddoon Arkooloojiifi Paloo Antiropoloojii Awaash Malka Qunxurree Godina Kibba/L/Shawaa, Aanaa Qarsaa fi Maaliima, Magaalaa Awaash keessatti Finfinnee irra 50km, Magaalaa Awaash irra 2km fagachun kan argamudha.

ü  Daandii asphaaltii Finfinnee irra kasee hanga magaala Awaashtti 50km kan qabu yemmu ta’u, magaala Awaash irra kasee hanga iddolaa kanatti daandii cirracha 2km kan qabud

m1      m2

Awaash Malka Qunxurree

Bakka, fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

*Iddoon Arkooloojiifi Paloo Antiropoloojii Awaash Malka Qunxurree Godina Kibba/L/Shawaa, Aanaa Qarsaa fi Maaliima, Magaalaa Awaash keessatti Finfinnee irra 50km, Magaalaa Awaash irra 2km fagachun kan argamudha.

  • Daandii asphaaltii Finfinnee irra kasee hanga magaala Awaashtti 50km kan qabu yemmu ta’u, magaala Awaash irra kasee hanga iddolaa kanatti daandii cirracha 2km kan qabudha.    

      Hawwatummaa Awaash Malka Qunxurree

  • Haftee lafeewwan dhala nama fi bineensoota
  • Meeshaalee dhalli nama itti fayyadama turan
  • Godhambaa hambaaleen kun namoota dawwataniif itti agarsiisamu
  • Bosona, Bineensoota bosona fi sinbirroowwan bakka kanatti argamu

*Iddoon arkooloojii fi paloantiropooloojii kun tuuristoota hambaalee Arkoolojii dawwatan, ummamaa ilaalun gamadaanii fi bashananu barbadaniif bakka mijatadha

 

Godahambaa Bunaa Coocee (Kattaa Mudugaa)

Bakka, fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

  • Godahambaan kun godina Jimma, Aanaa Gommaa, ganda Coocee Lammii keessatti, Finfinnee irra fageenyaa 413km, magaalaa Jimma irra 58km, magaalaa Aanaa irra 15km fagachuun kan argamu godahambaa argama Buna Kofii Araabiikaatii.
  • Daandii cirracha hanga godhambaa kanatti geessu ni qaba.
  • Iddoo kana bakka hawwata tuuristii gochuuf godhamba bakka kanatti ijaarudhaan misooma jira.

Haawwatummaa Godhambaa Bunaa Cooccee

  • Bakki kun bakka argama Buna kofii Arabiikaa ta’u isaa
  • Bakka seenaa fi Ummamaatii
  • Baankiin jiinii Bunaa Coocee iddoo kanatti argama
  • Finca’aan Buunbuu iddoo kanatti argama
  • Kasoo hixii (Misooma buna) bakka kanatti gaggeeffama
  • Godhamban jiinii Bunaa koofii Arabiikaa, meeshaalee fi fayyaa Aadaa itti dawwatan bakka kanatti argama.
  • Godhambaan Coocee qoratootta wa’ee jiinii Bunaa fi biqiltootta adda adda qorataniifi tuuristoota ummama ilaalu barbaadaniif bakka adda (ideal place) dha.

Riqichaa Poorchugaal

Bakka, fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

  • Riqichii Poorchugaal godina Shawaa Kabaa, Aanaa Giraar Jarsoo keessatti Finfinnee irraa fageenyaa 97km, magaalaa godina (Fiichee) irraa 5km, magaalaa Aanaa irraa 5km fagaachuun hamba argamudha.
  • Daandiin asphaaltii Finfinnee irra kasee Fiichee deemu hanga Riqichaa kanatti kan geessudha.

Haawwatumma Riqichaa Poorchugaal

  • Jarraa 16ffaa keessattii pooruchugaalootan riqichaa dhakaa fi buphaa irra ijaarameedha.
  • Bosoni ummama, ta’umsi lafaa zega–wodam, lagiinii guur, finca’aan Riqicha jalaattii argamu fi Ayyalaa (deep cliffs) bakka kanatti argaman midhagina hambaa kana dabalu.
  • Gadamii D/Libaanoos fi manneen Amaanta adda addaa hawwatoota biroo bakka kanattii argamaniidha.
  • Tuuristoota Ispoortii ayyalaa irra adeemsisan, haala ta’umsa lafaa fi ayyalaa (the topography of this site and the George) ilaalun gamadaniif bakka mijataadha.

Holqa Sof-Umar

Bakka, fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

  • Holqi Sof-umar Finfinnee irra 540km, magaalaa Roobee irraa 110km fagaachun godina Baalee, Aanaa Daawwee Qaachan ganda Sof-Umar keessatti holqa argamudha.
  • Daandii aspaaltii Finfinnee hanga Roobeettii 430km kan qabu yemmu ta’u, Roobee hanga ganda sof-umaritti dandii cirraacha 110km kan qabudha.
  • Tajaajila ibsaa kan hinqabne yemmu ta’u tajaajila mobaayila kan qabudha.

sof1           sof2

Hawwatumma Holqa Sof-Umar

  • Holqa gudda adunya Afriika keessatti argamu ta’u isaa
  • Holqi kun dheerna 15.6kms qabachu isaatiifi dheerna tuuristooti dawwacha dnada’an 1.2km qabachuu isaa
  • Holqa karaa itti seenan (entrances) 42 qabu fi lagiiwwan sagaleen isaanii nama hawwatu kan keessatti ya’aan ta’u isaa
  • Aluu Adii dhakaa (limestone) fi sinbirootii halkaanii keessatti argaman kan tuuristootta hawwatan ta’u isaa
  • Holqi kun bakka seenaa Amantiin Islamaa itti gaggeeffama taura ta’u isaa

Holqa Aynaagee     

Bakka fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

  • Holqi Aynaagee godina Harargee Lixaa keessatti Finfinnee irra fageenya 443km, magaalaa godina (Ciiroo) irra 123km, magaalaa Aanaa (O/Labuu) irra 10km, fagachuun holqa argamudha.
  • Daandii cirrachaa hanga holqa kanatti deemu kan qabudha.

Hawwatumma Holqa Aynaagee

  • Guddina isaatiin holqa sof-umaritti annun holqa sadarka lamaffa irratti argamudha.
  • Holqi kun karaa seenan lama fi kutaalee walxaxoo (complex network of passages with two enterances) kan qabudha.
  • Hawwata tuuristii kan ta’an holqoti hacaaree fi Baroo dhiyeenyan holqa kana biratti argamu.
  • Holqi kun qoratoota qorannoo adeemsisaniifi tuuristoota dawwannaf deemaniif mijaadha.

Holqa Waraabeessaa

Bakka fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

  • Holqi kun godina H/Lixaa, Aanaa Habroo, ganda ibsaa keessatti Finfinnee irra fageenya 424km, magaalaa godina (Ciiroo) irra 97km, magaalaa Aanaa (Galamiisoo) irraa 27km, fagaachuun kan argamudha.
  • Daandiin bayyeen gara holqa kanatti geessan ni jiru.

Hawwatumma Holqa Waraabeessaa

  • Bakka jireenya warabeessaa waan ta’ef maqaa isaa kana irra argate
  • Holqi kun bakka jireenya siinbiiroo halkanii (bats) fi sharariitii (spiders) tii.
  • Fakkiiwwan laga Uumuga, fakkiiwwan ganda ciiqqawa fi fakkiiwwan Coomaa hawwatootta tuuristii biro naannoo holqa kanatti argamniidha.
  • Holqi kun qoratootta qorannoo adeemsisaniifi tuuristootaf bakka mijaadha.

Bosona Ciillimoo Gajii

Bakka fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

  • Bosoni kun godina Lixaa Shawaa keessattii finfinnee irra fageenya 82km, magaalaa godina (Amboo) irra 41km, magaalaa Aanaa (Giincii) irra 4km, fagachun lafaa hekitaara 6,000 uwwisun bosona ummama argamudha.
  • Dandiin cirraacha magaalaa Giinciitii kaasee hanga bosona kanatti geessu kan jiru yemmu ta’u bosona kana keessatti dandiin biroon hin babalanee.

Hawwatummaa Bosona Ciillimoo Gajii

  • Bosona ummamaafi namni tolche balaa qaba
  • Bosona ummamaa umuriin isaanii waggaa 400 olii ta’an of keessatti qabate jira.
  • Bineensoota Bosona kan akka Leencaa, Qeerrenasa, Bosonuu, Jaldeessaa, Weennii, Qamalee fi kkf of keessa qaba
  • Gosoota mukoolee kan akka harbuu, waddeessaa, Birbiirsa, Gaattiirra fi kkf of keessatti qabatee jira.
  • Mana keessumma keessatti keesumeessan (gues house) maatii motootta durii ijaarame bosona kana keessatti argaman
  • Mukaa guddaa wardiyaan irra ta’ee yeroo xaaliyaanii diinaa eguu (guardian out post) bosona kana keessattii argama.
  • Sibila ittiin bahan (Metal Ladder) bosona kana keessatti argama.
  • Bosoni kun tuuristoota bosona dawwatan, nannoo ilaalun bashaananiifi bosona keessaa bufaataniif (camping) kan mijatuudha.

Haroo Daandii

Bakka fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

  • Haroon Dandi haroowwan badaa Oromiyaa keessatti argaman keessa isaa tokko yemmu ta’u, godina Shawaa Lixaa keessatti Finfinnee irra fageenya 108km, magaalaa godina (Amboo) irra 60km, magaalaa Aanaa (       ) irra 31 km fagachun kan argamudha.
  • Daandii konkolaataa ni qaba

Hawwatummaa Haroo Daandii

  • Lafaa ol ka’an marfamee argama
  • Bishaan qulqulu bifa samii fakkatu qaba, akkasumas waan lakkofsa 8(sadeet) fakkatuf bareedina addaa qaba.
  • Lubbuu qabeeyyii bishaan keessaa jiratan kan akka qurxummii fi kkf of keessa qaba.
  • Haroon kun tuuristootta Ispoortii bishaanii, guluufii fardaa, kaapiingii, ummamaa ilaaluttii gamadaniifi tajaajila fardaa barbadaniif bakka adda (ideal site) dha.

Haroo Wancii

Bakka fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

  • Haroon Wancii godina Kibba Lixaa Shawaa, Aanaa Wancii keessatti, Finfinnee irra fageenya 152km, magaalaa godina (Waliso) irra 38km, magaalaa Aanaa irra 27km fagaachuun bakka gahumsa tuuristii argamudha.
  • Daandiin cirraachaa hanga haroo kanattii geessu kan jiru yemmu ta’u yeroo ammaa daandii asphaaltii hojeechuuf mootummaan karooraa keessatti qabatee jira.

Hawwatumma Haroo wancii

  • Bishaan qulqulufi bareedina addaa qabu haroo geengoo (Circlar slope) keessatti argamu, isaafi bosona ummama magarsiisan (alphine vegetation) marifame argamu isaa,
  • Mandaroota iddo olka’aa qarqara bishaanii irratti argaman (Village on peninsula), Batas kana durii ciituu lafaa irratti argamu (the small islan with monastery), mannenifi magariisaa qarqara bishaanii irratti argamu (the houses and gardens on the lake side) haroo kana bakka addaa dawwatamu qabu isaa tasiisu.
  • Gosa Mukolee gurguddoo 15 bosona ummama, gosoota sinbiroo adda addaa (many aquatic and terrestrial bird species), Bineensoota bosona kan akka jaldeessa (colobus monkey), Fincaa’aa, bishaan albuudaa fi kkf haawwatumma haroo kana dabalu.
  • Haroon kun tuuristoota Ispoortii bishaanii, Doonii fi fardooleen deemufi bashananu barbadaniifi bosona dawwataniif, bishaan ho’aa ummamattii fayyadamu barbadaniifi bashanana Iko-tuurizimiin walqabatee barbadaniif bakka mijataadha.

Paarkii Dhaatii Walal

  • Bakka fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma
    • Paarkiin Dhaatii Walal godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Gaawoo Qebbee, ganda koyyaan keessatti, Finfinneerraa fageenya 648km, magaalaa godina (D/Dolloo) irra 128km, magaalaa Aanaa (Qeebbee) irraa 40km fagaachuun balina laa hekitaara 103,500 ykn 1035 km2 uwwisun paarkii uumamaa argamudha.
    • Daandii bonaa konkolaataa galchu qaba.
    • Dhabbaatii Bosonafii Bineensoota Bosona Oromiyaa dhaabilee tajaajila tuuiristii kennan kan akka loojii, Risoortii fi kkf iddoo kanatti ijaaruuf qophii irra jira.

Haawwatummaa Paarkii Dhaatii Walal

  • Paarkii kana keessaa heddumina sanyii biqiloota fi Lubuu qabeeyii kan bineensoota gurguddoo kan akka Gafaarsaa, Roobii, Borofaa, Qorkee, Karkaroo, Booyyee fi Sanyii Sinbiroota of keessatti qabateetu argama.
  • Baayinni tuuta Gafaarsa fi Roobii Parkii kana keessatti argamu addaa fi kan nama hawwatudha.
  • Adda kan ta’ee heddumina lubuu qabeeyii, sinbirroota akkasumas Ikoosisiteempii paarkii qabudha.
  • Bineensooti bosona kan akka Arbaa, Leencaa fi kkf Paarkii kana keessatti argamu.
  • Akka biyyaatti gosoota bineensoota gurguddoo ilaaluf paarkiin kun iddoo addaa (best place) dha.
  • Dawwattoota bineensoota bosona, gosa sinbirrota garaagaraa fi ummama ilaaalun bashannanaafi iddoon kun bakka addaa (ideal place) dha.

Paarkii Booranaa

Bakka fageenya irratti argamu fi haala bu’uura misooma

  • Paarkiin Booranaa Finfinneerraa 570km fagaachuun godina Booranaa keessatti lafaa hekitaara 25,000km2 uuwwisuun paarkiin uummama argamudha.
  • Paarkiin kun daandii Aspaaltii fi Cirracha qaba
  • Haali bu’uura misooma kan biroon hin ibsamne

Haawwatumma Paarkii Booranaa

  • Paarkiin kun paarkii hedummina lubuu qabeeyyi qabudha.
  • Bineensootii bosona kan akka Reetii Urufaa, Koorkee, Bosonu, Karkaaroo fi kkf Ciinaa karaa Meegaa dhaqu irratti ni mulatu.
  • Bineensootii Bosona gurguddoon kan akka Giraafii, Arbaafi Leencaa Paarkii kana keessatti argamu.
  • Gosi sinbiroota bayyeeniis paarkii kana keessatti argamu
  • Bakka hawwata tuuristii kan akka Booqee soogiddaa, Bosona areeroo, Bosona magaadaa Bishaan ho’aa Waallamee fi Bobbaca saphee hawwata kana kan deggeraniidha.
  • Tuuristoota bineensoota bosona, sinbirroota fi alatiiwwan ilaalun bashannanaiif iddoo addaa (ideal place) dha.