foto1
foto1
foto1
foto1
foto1

Oromia Culture and Tourism Bureau

Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa

                                                                           English                                                                        አማርኛ

Seensa


Aadaan calaqqisiistuu maalummaa Uummata tokkooti. Uummatni tokko  aadaa isaa keessaa saboota birootti, namoota birootti ykn naannoo birootti mul’ata; ibsama, darbees beekama. Dhugaa ifa galeessa ta’e kanaan, aadaa uummatni Oromoo gama hundaan qabu yoo ilaalle, Uummatni Oromoo aadaa hedduu maalummaa isaa  ballinaan beeksisuu danda’an qaba. Haalli uumama dachee Oromoo mataan isaa itti fayyadama Aadaa Uummata Oromoo waliin haala walitti hidhata godhachuu malaniin waan uumaman fakkaatu. Aadaan Uummata Oromoo hamilee hawaasichaa waliin kan wal qabate dha. Dinagdeeniifi amantaan Uummatichaallee Aadaadhuma sana keessaan calaqqisu. Aadaawwan Uummatichaa keessaa, Aadaa fuudhaafi heerumaa, Aadaa nyaataa, Aadaa uffannaa, aadaa waaqeffannaafi galateffanna, Aadaa ittiin aangoo walitti kennaniifi dabarsan k.k.f eeruun ni danda’ama. Oromtichi jiruufi jireenya isaa keessatti waan dalagu mara sirna ittiin geggeessu, kan safuufi safeeffannaa of keessaa qabu Waaqa isa uumaa Ardii kanaa ta’eef yeroo mara iddoo guddaa kan kennuudha.


Kun akkuma  jirutti ta’ee Oromoon haallan kana ittiin jiraachuu keessatti rakkoo tokko malee akka fedhee fi akka isa barbaachisetti raawwataa hin turre. Oromoon erga bara Mootummaa Abbaa Irree Minilikii kaasee hanga  bara kufaatii Dargiitti mudannoowwan adda addaa, qonyonyaa mar’ummaanii itti ta’uun hin irraanfatamne  hedduu keessa darbee as ga’e. Eenyummaafi Aadaa isaa jedhee, qe’ee irra jiraatu irratti dararamaafi itti wareegamaa ture. Haa ta’u malee, Oromoon Aadaa isaa, ibsituu maalummaa isaa kan taate kana qabatee  hanga kufaatii Mootummaa abbaa irreefi barraaqa aduu Mootummaa Uummataa bara 1984tti turee jira.
Heera Mootummaa hirmaannaa Uummataan mirkanaa’een Aadaan Oromoo kaleessa maqaan itti moggaafamee, xuriin itti dibameefi akka tuffatamu ta’ee ture sun irraa ka’ee Uummatni abbaa Aadaa fi seenaa ta’e Aadaa isaa bakka  ganamaatti bifa sirrii ta’een deebifatee ittiin jiraachuu erga eegalee  kunoo  nuusa Jaarraa lakkoofsisuu  danda’ee jira. Calaqqisiistuu Oromummaa Aadaa ta’e keessaa tokko sirna Galateeffannaafi waaqeffannaa Oromoo Irreechi isa tokko dha.


Irreecha


Uummatni Oromoo saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. Uummatni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta’e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa  irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa  keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafootni Oromoo.


Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon  araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu ta’een waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhaga’aaf. Kanaaf, Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu garuu uummama kanatu gochaafi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jedhu abbootiin.


Galateeffannaafi Waaqeffannaa kan ta’e Irreechi Sirna Gadaa Oromoo keessatti ibsamee iddoo guddaa kan qabuudha. Sirni Gadaa Oromoo waa hunda Oromoon dalagu, Aadaa, jireenya hawaasummaa, diinagdee hawaasichaa, Sirna Bulchiinsaa ykn  Siyaasaa akkasumas, amantaafi wanneen kanaan walitti hidhata qaban  sirritti ijaaramanii kan keessatti mul’ataniidha. Haala  kanaan Jaarmiyaalee sirna Gadaan ijaaraman keessaa  Kan Aadaan Uummatichaa keessaan mul’atu, beekamu, daddarbu Irreechi isa tokko. Haala kanaan Oromoon waaqeffata. Oromoon osoo amantaan kamillee biyya keessa hin seeniin bifa kanaan Waaqa tokkicha kadhata, galateeffata, kanaaf Oromoon Waaqeffataadha jedhu hangafootni.


Irreechaa fi Uummata Oromoo


Ayyaanni Galateeffannaafi Waaqeffannaa Irreechi Oromoo kun, falaasAmniifi ilaalchi Oromoon Addunyaa kana keessatti  ittiin humna waaqaa ibsu, jireenya lafaa kana raajuu, dhoksaa yookaan iccitii jiruufi jireenyaa labataafi dabarsee ibsu ta’ee fudhatama. Qacceen ilmoo namaa dachee  kana irratti faca’ee yeroo tokko du’u, kan biraa ammoo cina isaatiin ka’ee margee  mullatu dhoksaan  humna waaqaa kun adeemsa galateeffannaa ykn  Irreeffannaa keessaan ibsama  jedhee Oromoon amana. Iccitiin kun  diinagdee isaa keessattillee ga’ee ol’aanaa qaba. Kanuma ibsuuf jecha”Yaa Waaqa, Baala Midhaan gootu, dhiiga Mucaa gootu, hooquba!” jedhee ganama  barraaqaan ka’ee galateeffata. Wayita irreeffannaa keessattis sagaleen  galateeffannaa kun irra deddeebi’amee Waaqeffattootaan dubbatama.


Jireenya Qonnaa keessatti abdii waaqaatiin Qonnaan bulaan sanyii midhaan isaa qooxii irraa fuudhee  dacheetti facaasa. Waaqni roobaan lafa jiisee sanyiin biqilee  baala ta’a. Baala kanatu yeroo  waaqni kaa’e keessatti ija ykn firii baasee makaramee soorata namaafi horiif ta’a.   Yeroon  kun itti ta’u wayita gannaa, dhoqqeen lafa kutee,  lagni guutee, Cooreen wal cortee malkaa ce’umsaa cuftee, huuriin lafa uwwisee, lafti dukkanaa’eetti dha.  Waqtii isaa eeggatee dukkanni ifa aduu bakka bu’aa deemu, daandiin dhoqqaa’ee deemsa dhorkate xuuxxatee deemsaaf mijatu, sanyiin faca’ee biqilee baala  ture hudhee, daraaree, dachee bareechee ijatti(firiitti) deebi’u, asheetiin itti nyaatamu birraan yeroo irreechaa(galateeffannaa)ti. Oromoon “Baga  Booqa Birraa geessan” jedha. Birraan, Waqtii dukkanni gannaa darbee abaabon dachee guutudha.


Akka Qorannoon tokko ibsutti, uummattoota qonnaan jiraatan sulula Abbayyaa “Osiris” jedhama…..Waaqa sanyii kuftee kaatuu/agricultural cult of the dying and resurrecting sprit of plant life….” Jedhamu Aadaa waaqeffannaa/galateeffannaa/ qabu turan. Adeemsi  kun darbee darbee Aadaafi Amantii waliin kuushota durii sana keessatti raawwatamu,  kaayyoo jireenya gaariifi hormaata tole qabaachuuf waan raawwatamu fakkaata. Haa ta’u malee, wal fakkiin haala waaqeffannaafi Aadaan kun Oromoo biratti  waaqa tolfamaa waaqessuu osoo hin taane waaqa tokkicha qofatti amanuu isaa ibsuufidha.
Kun akkuma jirutti ta’ee, Aadaan Irreeffannaa/Osiris/ durii kun irraa maddan qarooma kuushota naannoo sulula Abbayyaa(nile valley Cushitic civilization) ta’uu hin oolu jedhamee tilmaamama. Haa ta’u malee maddaa Aadaafi adeemsa Amantiiwwan kanaa kan ta’eefi eenyutu eenyu irraa fudhate gaaffii jedhuuf qorannoo adeemsisuuf banaa ta’a.


Maaliif Irreeffatama?


Akkuma olitti ibsuuf yaalame, waqtiin gannaa kan beekamu, rooba cimaa, daandiin irra deemanii gabaa dhaqan dhoqqaa’ee, malkaan ce’umsaa bishaanii guutee, lagnis gara malee guutee riqicha  harkisee kuffisee wal argeen addaan itti citee  turudha. Gama biroon immoo ,yeroo itti qonnaan bulaan maatii isaa waliin qonnaafi aramaadhaan itti qabamee boqonnaa malee dhama’udha. Waqtiin  gannaa, callaan mana keessaa itti murasatee, Oyiruun ammoo baala midhaan qotamee magariisa uffatee jirudha. Abdiin qonnaan bulaa gara firiitti jijjiiramee kan mullatu hoggaa  midhaan baalaa sun hudhee, daraaraa facaafatee  mullatu, birraa keessadha. Birraan bari’uu, dukanni gannaa darbee wayita asheetiin ga’ee ifni dhufu ta’ee uummata Oromoo biratti fudhatama.


Waqtiin birraa, Baatii Fulbaanaatii kaasee, dacheen daraaraa Keelloo, tuufoo, hadaafi kanneen biroon asiifi achiin bareedee ija nama hawwata. Gama biroon ammoo, Oyiruun Qonnaan bulaa baala irraa gara firiitti jijjiiramee asheetiin midhaanii alaafi mana guutee, mana nama hundaa biratti mullata. Ijoolleen asheeta quuftee bajjii ykn hurufa keessa burraaqxi. Jiboonnii fi gorommiin hoo’a birraa ganamaa gammadanii dirree keessa burraaqu, kormi loonii ni bookkiisu, Qotiyyoon hurufa keessatti wal jifatu, rimaan Arfaasaa guuttatte asiifi achii dhaltee jabbiin  gorba keessaa mar’atti.Oromoon haallan kana hunda keessatti iccitii humna waaqaa qalbeeffataa deema. Waqtii afraasaatti rooba bokkaaf kadhatamee, bokkaa isaaf roobsee midhaan magarsee marga horiif geessise ni galateeffatama. Malkaatti ba’ee, dirree irra guutee” Midhaan namaaf geessee, marga horiif geessee, baala midhaan gootee gombisaafi togoogoo koo guutee,…..” jedhee waaqa kan itti galateeffatu birraadha. Ji’a Irreechaa, kan galateeffannaa.


Birraan yeroo firrii fira isaa ganna haala hojii, jiruufi jireenya akkasumas haala qilleensaaf jecha wal irraa citee taa’aa ture, kan nyaataa fi dhugaatii qopheeffatee, itti wal dubbisu, walgaafatu fi qe’ee walii daawwatu. Fulbaanni ji’a “Hiyyoo koo daree, ya habaaboo daree….” Mallattoon Booqaa Birraa, ibsaan Masqalaa ba’ee ayyaanni Masqalaa itti kabajamu. Dargaggeessi xomboora guuree Daamaraa Masqalaa gubee, Kormoomsaa daaraa masqalaa addatti dibatee, sirba masqalaa wal jalaa qabee sirbaa yiikkisee dhiichisu, shamarran dibbeen lafa goosan jaarsi biyyaa ija irraa hafaa, horaa bulaa jedhee naannoo ibsaa masqalaa dhaabbatee yeroo itti eebbisu dha. Kanaaf hawaasni Oromoo  Waaqa waa hunda keessa isa dabarsee birraa hawwataa kanaan isa ga’e Irreeffatee  galateeffata.


Irreechi Eessatti Kabajama?


Akka amantaafi falaasama Uummata Oromootti, Uummamni hundi gochaafi humna waaqa isaan uume mullisu jedha. Iccitiin humna Waaqa tokkichaa karaa uumamoota kanaa ibsama. Kanaaf, Irreechi bifa aadaatiin sirna galateeffannaa fi kadhaa waaqaa taasifamu waan ta’eef iddoowwan humni uumuu Waaqaa adda ta’anii itti mullatan keessaa bakka lama ; Isaaniis Irreecha Tulluu fi Irreecha Malkaa  jedhamu. Iddoon kun lamaan ballinaan waan ballina  achitti kabajamaniif jecha malee akkaatuma lafa Oromoottii bakkeewwan biroon Irreeffannan itti raawwataman  hin jiran jechuu miti.


Irreecha Tulluu


Irreechi Tulluu kan itti kabajamu jiini bonaa darbee yeroo bokkaan afraasaa itti roobuu qaba  jedhamee eegamu keessattidha. Tibbi bonaa  goginsaan beekama. Aduufi hoo’a irraan kan ka’e jiidhi lafaa gogee, margi qooree, bishaan  cooreefi malkaa jiru hunda keessatti  qal’atee mul’ata. Yoo gogiin  kun dheerate horiis ta’ee dhala namaa balaa irra buusa. Kun akka hin taaneef giddugala ji’a Bitootessaatti hangafootni biyyaa wal waamanii akka seera isaatti naannoo lafaa bakka jiidha qaba jedhamutti  yaa’un  harka isaanii gara waaqaatti qabanii “Jiidha nun dhowwatin, waqtiileen toora isaanii eeganii haa naanna’an, qilleensa roobaa nuuf kenni, araar” jedhanii kadhaa waaqaa  taasifatu. Tulluutti ba’anii waaqa tokkicha sana kadhatu. Sirni kadhaa kun Aadaafi falaasama amantaa kuushota duriin kan wal qabatedha jedhama.


Irreecha Malkaa


Irreechi malkaa kan adeemsifamu, wayita jiini gannaa darbuuf jedhu Baatii Fulbaanaa gara walakkaa keessatti dha. Jiini Fulbaanaa jalqaba Waqtii  Birraa waan ta’eef haalli qilleensa gannaa jijjiirama itti agarsiisu eegaludha. Kunis lafti  xuuxxataafi sochiif mijataa, qilleensi duumessaafi huurrii ture ifaafi ho’a aduu Birraan bakka bu’aa deema. Dacheen daraaraa biqilootaan uwwifamtee  bareeduu eegalti. Kanaaf, guyyaan  irreechaa kun “Ayyaana Birraa” jedhamee beekama. Guyyaan Irreechaa  kun bakka tokko tokkotti ammoo guyyaa “Xaddacha saaquus” ni jedhama. Kunis hoggaa dukkanniifi bacaqii gannaa darbee wal arguun itti danda’ame jedhamee amanama.


Kanuma irraan kan ka’e Irreechi guyyaa  galata Waaqaati jedhama. Galateeffannaa kana irratti namni hundi akkuma umurii isaatti uffata aadaa uffatee,  dargaggoonni bareedanii, haawwanis, Wandaboo kuula bareedaan hojjetame irratti balees ta’ee  kaabbaa, calleefi dooqaan faayame uffatanii coqorsa  jiidhaa, keelloo, hadaa, daraaraa qabatanii malkaa  gamaa gamanaan wal ga’anii Waaqa faarfatu, Maaramii galateeffatu, “Maareewoo, Maareewoo...”jedhu. Haala  kanaan, gara malkaatti yaa’u. Abbootiin Gadaa, kallacha, bokkuu, marga, alangaa, jirma ykn ulee aangoo Gadaa ibsu qabatanii dura bu’anii tooraan seeraafi hayyataan sochii gara malkaattii ta’u sana geggeessu. Haalli uffannaa nama hundumaa bifa kabaja Waaqaa ibsuun ta’a. Haawwaniis ta’e  shamarran mogalee gaditti uuffata dheeraa uffatu. Kunis “ Yaa waaqi nun soqolin, gaaddidduu kee nun dhowwatin “ jechuu dha jedhama.


Malkaan Irreechi akka Oromiyaatti bal’inaan itti kabajamu Magaalaa Bishooftuu bakka Hora Har-sadii jedhamuttidha. Magaalaan Bishooftuu, Hora adda addaan badhaatee bifa bareedaafi uumama taatee akka kan godhe bishaan hedduu waan qabduufidha. Kanumaaf naannoo bishaanoftuu waan jedhamu irraa ka’uudhaan magaalaan kun Bishooftuu jedhamte jedhu Jaarsoliin Biyyaa.  Horri harsadiis Horawwan magaalaatti marsanii jiran keessaa Malkaa Irreechaa beekamaafi bara dheeraan duraa kaasee itti Irreeffatamaa ture ta’uu dubbatama. Harsadiin abbaa malkaa hora sanaa gosa Liiban keessaa kan ta’e,  harri kun maqaa  isaarraa ka’uun kan moggaafame ta’uu jaarsoliin ykn maanguddoonni Galaan ni dubbatu.


Oromoon golee Oromiyaa jiru hunduma irraa guyyaa Irreechaa kanatti seera guutee uffatee jiidha qabachuun  Waaqa galateeffanna, ni kadhanna, Uumamaan uumaa isa ta’e waaqa raajeffanna! jechuun  Hora Harsadii magaalaa Bishooftuutti argamu kana  deemee galata galchata. Hawaasni waggaa waggaan achitti  argamu bara baraan dabalaa deemaa jira. Yeroo ammaa kana uummata Miliyoona Afurii ol ta’utu achitti argama jedhama. Miidiyaaleen Addunyaa beekamoo ta’an kan akka BBC, Aljeziiraa, CNN fi kkf irratti hirmaachuu eegalanii  ajaa’iba jechaa jiru. Uummatni hagana baayyatu kun naamusaan marga qabatee malkaa Irreechaa sana ga’ee, bishaan cuuphee morma isaa tuqsiisee umurii naa kenni, addatti buufatee  na milkomsi yaa waaqi galata kee jedhee hoggaa ga’ee deebi’uu rakkoo tokko malee ta’uun isaa Oromoon abbaa nageenyaa ta’ee beekamuu isaati. Oromoon haala kanaan waaqa isaa galateeffatee mana isaatti hoggaa deebi’u gosa nyaata adda addaa qopheeffatee, olla isaatiin baga ittiin si ga’e jedhee waliin nyaate dhuga.
Magaalaan Bishooftuu hora kurruuftuu hora Bishooftuu, Hora Baabboo Gaayyaa irratti hirmaannaa abbootii qabeenyaatiin loojiiwwan bareedaafi hawwata ta’aniin miidhagdee kottaa na daawwaadhaa jetti.